Abraham Raya gargaaruu nufeesisa
Donation protected
Akkuma beekamu Abraham raya ji'oota muraasaaf mana hidhaa motummaa wayyaaneetiin dararamaa ture. Namnni kun badii tokko malee waanuma kilipii fii video sirbba oromootaaf hojjateefi qabeenya guutuu saamamee hidhamee akkasumas reebamee dhihoo bahe. Haatahuu malee yeroo ammaa waan ittiin hojjatus dhabee kiraa manaatiis of irraa kaffaluu dadhabee jira. Abraham gumaachi Artii oromootiif godhe xiqaa miti. Sirboota Oromoo 70% videon hojjachuu bira taree Artistoota mallaqa hinqabnneefis tola hojjachuun beekama. Namnni kamuu mirga ogummaa isaatiin hojachuu silaa qabaachuu qaba ture. Arra gara hojii isaa galuuf kaameeraa fii meeshaa studio isaa mara hinqabu. Oromoo fii Artistoonni nacinaa dhaabadhaa jechuun isaa nurraa hin eegamu ture dirqama keenya waan taheef. Wal gargaarre waan barbaachisu haagoonu. Galatoomaa.
Organizer
Saliha Sami
Organizer
Calgary , AB