
Deggersa geggeessaa Jaal Dr. Taaddasaa E. Fidoof
Donation protected
Dr. Taddasaa Eebba Fidoo was born and grew up in Guduruu village, Qote Gennaasii, Najjoo, Western Wallaga, Oromia. Attended elementary school from grade one to eighth grade at Swedish Evangelical Mission School in Najjoo. He pursued his high school education at Jimma Agricultural School, then college education at Haroo Maya Agricultural College, graduating with a distinguished BSC degree in 1965. By continuing his post-graduate education, he earned an MSC degree from Wisconsin State University, the USA, and a Ph.D. degree in Genetics from British Columbia University, Canada in 1974. Returning to Ethiopia, he taught at Haroo Maya College and worked at Ethiopian Research Institute until 1978. He established the Ethiopian Gene Bank under the Research Institute. He was arrested for some months in 1978 allegedly for being an OLF member. Dr. Fido was self-exiled in 1979, leaving behind his wife, two infants and a high-paying professional job as a scientist. He joined the Oromo Liberation Front leadership in Sudan in 1979 and continuously struggled at the leadership level for more than 40 years with a high level of determination for his people’s cause.
After long treatment, Dr. Taaddasaa passed away on Sunday, May 1, 2022, in Virginia, USA. This is to kindly request you to give J/Dr. Taaddasaa, the memorial he deserves to honor J/Dr. Taaddasaa and say our last goodbye. We are currently asking for donations to help cover the cost of a funeral and related expenses.
Thank you for your support.
J/ Abbaa Caalaa Lataa
J/ Fiqaaduu Waaqjiraa
J/ Abbabaa Ittaanaa
J/ Bilisummaa Tasgaraa
***************************
J/Dr. Taaddasaa Eebbaa Fidoo, Oromiyaa, godina Wallaggaa Dhihaa, Najjoo, ganda Guduruu, bakka Qoxee Gennaasii jedhamutti dhalatan.
Barnoota isaanii sadarkaa tokkoffaa kutaa 1- 8tti mana barumsaa 'Swedish Evangelical Mission' jedhamutti Najjootti baratan. Barnoota sadarkaa 2ffaa ammoo 'Jimma Agricultural School' Jimmatti xumuran. Barnoota olaanaa (BSC) Koolleejjii Qonnaa Hara-Mayaa irraa bara 1965tti qabxii olaanaadhaan xumuratan. Wisconsin State University, USA tti argamu irraa ammoo digirii isaanii lammaffaa (MSC) fudhatan. Bara 1974tti 'British Columbia University' Kaanaadaatti argamu irraa digirii sadaffaa (PHD) isaanii xumuran.
Dr. Taaddasaan erga barumsa isaanii xumuranii booda gara Itoophiyaatti deebi'uun Koolleejjii Haroo Mayaa keessa barsiisaniiru. Inistitiyutii Qorannoo Itoophiyaa (Ethiopian Research Institute) keessas hanga 1978 tti hojjetan. Dr. Taaddasaan, inistitiyutii dhuma kana jalatti 'Ethiopian Gene Bank ' ijaaran (hundeessan).Baruma 1978 tti miseensa ABO ti jedhamuun ji'oota muraasaaf hidhaman. Bara 1979 tti haadha manaa, daa'imman xixinnoo lamaa fi hojii ogummaa isaaniin mindaa gaarii itti argatan dhiisanii gara biyya Sudaan deemuun qabsoo ABO irraa sadarkaa hoggansaa adda addaatti mirga saba isaaniif ganna 40 oliif murannoo olaanaa fi cichoominaan qabsaa'an.
J/Dr. Taaddasaa Eebbaa Fidoo yeroo dheeraaf yaalamaa turanii Dilbata, Caamsaa 01, 2022 biyya USA kutaa Virginiatti waan boqotaniif awaalchaa goota Oromoo kanaa fi baasii adda addaaf kan oolu gargaarsa akka gootan isin gaafanna.
Deggersa keessaniif galatoomaa.
J/ Abbaa Caalaa Lataa
J/ Fiqaaduu Waaqjiraa
J/ Abbabaa Ittaanaa
J/ Bilisummaa Tasgaraa
Organizer and beneficiary
Bilissuma Tesgera
Organizer
Baltimore, MD
Fido Ebba
Beneficiary