Main fundraiser photo

Help Artist Zarihun Wadajo!

Donation protected
Artist Zarihuun Wadaajoo weellisaa fi qabsaawaa mirga Oromoo beekkamaadha. Zarihuun wallee qabsoo adda addaa kufaatii sirna fiwudaalaa irraa kaasee hanga ammaatti sirbuun beekkama.

Artiist Zarihuun nama umrii waggaa 62 yemmuu ta'an hojii aartii bara 1967 akka eegalan himu

Kufaatii sirna fiwudaalaa erga kufee booda, hawwisoon 'Koree Aadaa Bultii Biyya Wallaggaa' Naqamtetti hundeeffame. Sana keessa kan gale Zarihuun, yeroodhuma sana sirba qabsoo beekkamaa 'koottaa aramaa aramnaa' kan jedhu barreessee sirbe. Sirba kanas namoonni Finfinneerraa dhufanii waraabun raadiyoodhan gadi lakkisan. Oduma baayyee hin turin, Zarihuun sirba qabsoo kan biraa 'injiraan mataakoo' kan jedhu sirbe.

Kanaan kan jalqabe Zarihuun, erga sana wallee qabsoo hedduu weeddiseera. Zarihuun umuriisaa guutuu wallee qabsoo jajjabeessan weellisuunii fi qabsaawun dabarse.

Art. Zarihuun Album torba kan weellise yoo ta'u qabiyyee sirboota isaa aadaa,eenyumma fi siyaasaa(wallee warraqsa qabsoo) akkasuma tokkumma oromoo kan leellisu ture. Art. Zarihuun qabsoo gama aadaa fi afaan guddisuu bukkeetti 1990moota keessa bosona seenuun qabsoo hidhannoo Badhaadha Dilgaasaa fa'an hogganamu jalatti qooda isaa ba'achaa turuu seenaa jireenya isaa ragaadha!

Art. Zarihuun amma dhukkubsatee yaalama kan jiru yoo ta'u manni yaalaa yaala gaha akka isa barbaachisu himee fi jira. Kana bira taree umurii isaa guutu qabsoo oromoo irratti kan dabarse yoo ta'u amma mana kiraa keessatti ijollee sadi waliin rakkachaa jira. Kanaaf ummanni oromoo waan humna isaa gumaachee yaale fayyisee akka dhaabu abdii qabna.
Donate

Donations 

  • Anonymous
    • $300
    • 3 yrs
  • Kulule Wayessa
    • $20
    • 3 yrs
  • Burka Idie
    • $100
    • 3 yrs
  • Gelgelu Felema
    • $300
    • 3 yrs
  • Ayana Likissa
    • $100
    • 3 yrs
Donate

Organizer

Amenti Megersa
Organizer
Minneapolis, MN

Your easy, powerful, and trusted home for help

  • Easy

    Donate quickly and easily

  • Powerful

    Send help right to the people and causes you care about

  • Trusted

    Your donation is protected by the GoFundMe Giving Guarantee